"ጋን በጠጠር ይደገፋል... " ይህ የሽብር ቡድን ባለፉት ወራት በወረራ በያዛቸው አካባቢዎች ያደረሰው ዉድመት እጅግ ከባድ ነዉ። በተለይም የዚህ የጥፋት አባት ቡድን ብትር በትምህርት ቤቶች...

"ጋን በጠጠር ይደገፋል... " ይህ የሽብር ቡድን ባለፉት ወራት በወረራ በያዛቸው አካባቢዎች ያደረሰው ዉድመት እጅግ ከባድ ነዉ። በተለይም የዚህ የጥፋት አባት ቡድን ብትር በትምህርት ቤቶች ፣ በጤና ጣቢያዎች፤ በጤና ኬላዎችና ሆስፒታሎች ላይ ያለ ርህራሄ አርፏል ። ማዉደም የሚችለውን አዉድሟል ፤ ነቅሎ መዉሰድ የሚችለውን ወስዷል ። በወራሪው ቡድን የአካልና የስነ ልቦና ጉዳት የደረሰባቸዉ ነፍሰጡር እናቶች ፣ አረጋውያንና ህፃናት በተለይም ተከታታይ ህክምና የሚያሻቸው የህብረተሰብ ክፍሎች ለከፋ የጤና ችግር ተጋላጭ ናቸው ። የጤና ጉዳት ለማንም ጊዜ አይሰጥም ፤ ለነገ የሚባል ተግባር አይደለም ። በመሆኑም የከተማችን አስተዳደር የህልውና ዘመቻው ከተጀመረበት ጊዜ አንስቶ በዘርፉ በርካታ ተግባራትን እየተከናወነ ይገኛል። የወደሙ ጤና ተቋማትን በሰዉ ሀይል እስኪደራጁ 400 የጤና ባለሙያዎቹን ወደ ተለያዩ ግምባሮች ልኳል። በአጠቃላይ ከ75 ሚሊዮን ብር በላይ የተለያዩ መድኃኒቶች ፤ የጤና መሳሪያዎችን ካለዉ ላይ አካፍሏል ። በአማራና በአፋር ክልሎች በሚገኙ የጤና ተቋማት በተለይም በ6 ሆስፒታሎች 1.የጋንዲ መታሰቢያ ሆስፒታል የሞላሌ ሆስፒታልን ፤ 2.የጥሩነሽ ቤጂንግ ሆስፒታል የከሚሴ ሆስፒታልን ፤ 3.የዘዉዲቱ መታሰቢያ ሆስፒታል የደጎሎ ሆስፒታልን ፤ 4.የራስ ደስታ ሆስፒታል የደብረሲና ሆስፒታልን ፤ 5.የዳግማዊ ሚኒሊክ ሆስፒታል የመሀል ሜዳ ሆስፒታልን ፤ 6.የካቲት 12 ሆስፒታል የወረሂሉ ሆስፒታልን፤ በሰዉ ሀይል እንዲሁም በህክምና መሳሪያዎች እና መድኃኒት አቅርቦት ዳግም እንዲደራጁና ወደ አገልግሎት እንዲገቡ ተደርጓል ። በተጨማሪም 11 ጤና ጣቢያዎችንም በማቋቋም በማጠናቀቅ ላይ ይገኛል ። አሁንም ድጋፋችን ተጠናክሮ ይቀጥላል ። ከከተማችን የግሉ ዘርፍ አንቀሳቃሾችና ባለሀብቶች ጋር በመሆን በትምህር ቤት እና መሰል ተቋማት ላይ የደረሰውን ጉዳት መልሶ በማደራጀት ላይ ትኩረት አድርጎ የሚሰራ ግብረ ሀይል አቋቁመናል ። "ጋን በጠጠር" እንዲሉ ተቋማቱ ወደ ቀድሞ ስራቸዉ ሙሉ በሙሉ እስኪመለሱ ድረስ የምንችለውን ለማድረግ ጊዜ አንሰጥም!! "Huubboo Cirrachaatti Hirkifama!" Gareen shororkeessaa kun ji'oota darban iddoolee weeraraan qabatetti mancaatiin inni geessise ulfaatadha. Keessattuu rukuuttaan abbaan badii kanaa manneen barnootaa, buufataalee fayyaa, keellaa faayyaa fi hospitaalota irratti jabaa ture. Kan barbadaa'uu danda'u barbadeessera, buqqisee fudhachuu kan danda'u fudhateera. Garee weeraraan miidhamni qaamaa fi qor qalbii kan irra ga'e haadholii ulfaa, manguddootaa fi daa'immaan keessattuu hawaasni yaala deddeebi'anii yaalamuu irratti argaman rakkoo kanaaf saaxilamoodha. Dhimmi fayyaa eenyuuf illee kan yeroo kennu miti. Kanarraa ka'uun bulchiinsi magaalaa keenyaa dulli birmadummaa erga jalqabee kaasee dameewwan kanaan gochoota hedduu raawwachuutti argama. Dhaboolin fayyaa manca'anii humna namaatiin hamma gurmaa'anitti ogeessota fayyaa 400 adda waraanaa garagaraatti ergeera. Walumaa galatti qarshii miiliyoona 75 ol qorichoota gargaraa fi meeshaalee fayyaa qaburraa qoodeefii jira. Dhaabbilee fayyaa naannolee Amaaraa fi Affaaritti argaman keessattuu Hospitaalota 6: 1) Hospitaalli Yaadannoo Gaandiin Hospitaala Molalee, 2) Hospitaalli Xurunesh Beejiingiin, Hospitaala Kamisee, 3) Hospitaalli Yaadannoo Zawdituun, Hospitaala Dagooloo , 4) Hospitaalli Ras Dastaan, Hospitaala Dabra Siinaa, 5) Hospitaalli Minilik 2ffaan, Hospitaala Mahaal Meedaa, 6) Hospitaalli Guraandhala 12 Hospitaala Warra Iluu Humna namaatiin akkasumas meeshaalee yaalaa fi qoricha dhiyeessuun irra deebiin akka gurmaa'anii gara tajaajila kennuutti akka seenan taasifameera. Dabalataanis hojiin buufataalee fayyaa 11 dhaabuun xumura irratti argama. Deeggarsi keenyas akkasuma itti fufa. Magaala keenyatti sochiilee damee dhuunfaa fi abbootii qabeenyaa waliin ta'uun mana barumsaa fi dhaabbilee kana fakkaaatan irratti balaa ga'e deebisanii ijaaruu irratti xiyyeeffannoo gochuun garee hojjatu hundeessineerra. "Huubboo Cirrachatti Hirkifama" akkuma jedhan dhaabbileen kunneen gara hojii isaanii duraatti hanga deebi'anitti waan dandeenyu gochuuf yeroo hin kenninu.

Share this Post