ዛሬ መላው የከተማችን ሴቶች በመስቀል አደባባይ በመገኘት "በሴቶች እና ህፃናት ላይ የሚደርስ ጥቃት ይቁም !" በማለት ሕዝባዊ ሰልፍ አካሂደዋል። የከተማችን ሴቶች ወራሪው እና አሸባሪዉ ቡ...

ዛሬ መላው የከተማችን ሴቶች በመስቀል አደባባይ በመገኘት "በሴቶች እና ህፃናት ላይ የሚደርስ ጥቃት ይቁም !" በማለት ሕዝባዊ ሰልፍ አካሂደዋል። የከተማችን ሴቶች ወራሪው እና አሸባሪዉ ቡድን በአፋርና በአማራ ክልል ንፁሃን ወገኖቻችን ላይ ያደረሰውን አረመኔያዊ ድርጊት በከፍተኛ ምሬት ያወገዙ ሲሆን በተለያዩ ግምባሮች ይህንን አሸባሪ ቡድን በመደምሰስ እየተመዘገቡ ያሉ ድሎችንም በታላቅ የአገር ፍቅር ስሜት አክብረዋል። ሰልፉ ለጀግናው የመከላከያ ሰራዊትና ለጦር ኃይሎች ኤታማዦር ሹም ዶክተር አብይ አህመድ ያላቸውን ከፍተኛ ፍቅርና አክብሮት የገለፁበትም ነበር ።... በተጨማሪም አንዳንድ ምዕራባውያን አገራትና ሚዲያዎቻቸው በአሸባሪው ቡድን እየተፈፀመ ያለውን ኢሰብአዊ ተግባር አይተዉ እንዳላየ ማለፋቸዉንም ኮንነዋል። ይህ አስነዋሪ ቡድን እስከወዲያኛው እስኪወገድ የደጀንነት ድጋፋቸው ተጠናክሮ እንደሚቀጥል አሳዉቀዋል ። ፕሮግራሙን ያስተባበረውን የሴቶች እና ማህበራዊ ጉዳይ ሚኒስቴርን ከልብ አመሰግናለሁ ። በሴቶችና ህፃናት ላይ የሚደርስ ጥቃት ይቁም!! ፈጣሪ ኢትዮጵያንና ህዝቦቿን አብዝቶ ይባርክ !! Har'a dubartoonni magaalaa keenyaa hundi Addabaabayii Masqalaatti argamuun " Miidhaan Dubartootaa fi Daa'imman irra ga'u haa dhaabbatu!" Jechuun hiriira uummataa gaggeessaniiru. Dubartoonni magaalaa keenyaa gochoota gara jabeenyaa gareen shororkeessaa fi weeraraa lammiilee keenya qulqulluu naannoolee Amaaraa fi Afaaritti raawwate kan balaaleffatan yoo ta'u, adda waraanaa garagaraatti garee shororkeessaa kana barbadeessuuf injifannoowwan galmaa'aa jiran jaalala biyyaa guddaan kabajaniiru. Hiriira kana irrattis jaalala fi kabaja guddaa gooticha raayyaa ittisa biyyaa fi ajajaa waraana waliigalaa Dr. Abiyyi Ahimadiif qaban kan itti ibsan ture. Dabalataanis biyyoonni lixaa tokko tokkoo fi miidiyaaleen isaanii garee shororkeessaan kan raawwatamaa jiran gochoota dhiitinsa mirga dhala namaa osoo arganii akka hin arginetti darbuu isaanii balaaleffataniiru. Gareen saalfachiisaa kun hanga dhumaatti hanga barbaadaa'utti deeggarsa aantummaa isaanii cimsanii kan itti fufan ta'uu beeksisaniiru. Sangataa kana kan qindeesse ministeera dhimma dubartootaaf daa'immanii nan galateeffadha. Miidhaan dubartootaa fi daa'imman irra ga'u haa dhaabbatu! Uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee baay'isee haa eebbisu!

Share this Post