ዛሬ በከተማችን ሁለንተናዊ የኢኮኖሚ ፤ የልማት ስራዎች ላይ ዋነኛ አንቀሳቃሽ ምተር ከሆነው ከንግዱ ማህበረሰብና የግሉ ሴክተር ጋር በመወያየት " የድህረ ጦርነት የልማትና የዘላቂ ሰላም ቅድ...

ዛሬ በከተማችን ሁለንተናዊ የኢኮኖሚ ፤ የልማት ስራዎች ላይ ዋነኛ አንቀሳቃሽ ምተር ከሆነው ከንግዱ ማህበረሰብና የግሉ ሴክተር ጋር በመወያየት " የድህረ ጦርነት የልማትና የዘላቂ ሰላም ቅድመ ዝግጅት ስራዎች እንዲሁም በጦርነቱ የወደሙ አካባቢዎችን በተለይም የጤናና የትምህርት ተቋማትን መልሶ በመገንባት ፤ የተፈናቀሉ ወገኖቻችንን አስቀድሞ ለማቋቋም " አስተባባሪ ግብረ ሀይል አቋቁመናል ። "ከገበታ ለሀገር እስከ ዘመቻ ለህብረ-ብሔራዊ አንድነት "ታላቅ ህዝባዊ ደጀንነቱን ፤ የአገር ፍቅር ስሜቱን በቢሊዮን የሚቆጠር ሀብት አስተዋጽኦ በማድረግ ፤ ከትርፉ ሳይሆን ከዋናው ሳይሰስት ቆርሶ የሰጠን የንግዱ ማህበረሰብ ተገደን በገባንበት የህልውና ጦርነት ዉስጥ ለተመዘገበዉ አንፀባራቂ ወታደራዊ ድል ያበረከተው አስተዋጽኦ ትልቅ ነዉ። በነበረን የዉይይት መድረክ ለ...ሁለተኛው ምዕራፍ የድህረ ጦርነት የልማትና የዘላቂ ሰላም ቅድመ ዝግጅት ስራዎች ፤ በጦርነቱ የወደሙ አካባቢዎችን በተለይም የጤናና የትምህርት ተቋማትን መልሶ በመገንባት ፤ የተፈናቀሉ ወገኖቻችንን አስቀድሞ በማቋቋም እንዲሁም ከተለመደው የስራ ባህል በመላቀቅ ኢኮኖሚያችን ይበልጥ እንዲነቃቃ ለማስቻል ሌትና ቀን መስራት በሚቻልበት እና የኢንዱስትሪ በተለይም የማኑፋክቸሪንግ ዘርፉ ላይ ትኩረት በማድረግ ፤ አንገታችንን ለማስደፋት የሚደረጉ አላስፈላጊ የዉጪ ጣልቃ ገብነቶችን ለመመከት የሚያስችል ጠንካራ ኢኮኖሚ ለመገንባት ከፍተኛ ርብርብ ማድረግ ላይ የሚጠበቅባቸውን ኃላፊነት በከፍተኛ ተነሳሽነትና ወኔ ለመወጣት ዝግጁ መሆናቸውን አረጋግጠዋል ። በተጨማሪም በክቡር ጠቅላይ ሚኒስትራችን ጥሪ መሰረት በመጪዎቹ የበአላት ጊዜያት ከተለያዩ የአለም ክፍሎች ወደ እናት አገራቸው የሚመጡ ከ 1 ሚሊዮን በላይ ጀግኖች ዳያስፖራ ወገኖቻችንን በተሰማሩበት የአገልግሎት ዘርፍ በታላቅ የጀግንነት አቀባበል ፤ በክብር፤ በቤተሰባዊ ፍቅርና ወገንተኝነት ለመቀበልና ለማስተናገድ ቅድመ ዝግጅቶችን ማጠናቀቃቸውን ተመልክተናል ። በከተማችን እንደ ከዚህ ቀደሙ ኢኮኖሚያችንን በዘላቂነት ለማሳደግ የንግዱን ማህበረሰብ ፤ የግሉን ሴክተር ለመደገፍ ዝግጁ መሆኑን እናረጋግጣለን ። ኢትዮጵያ በሀቀኛ ልጆቿ ያላሰለሰ ጥረትና ትጋት ለዘላለም ተከብራ ትኖራለች ! ፈጣሪ አምላክ ኢትዮጵያንና ህዝቦቿን ይባርክ ! Har'a magaalaa keenyatti hojiilee hunda galeessa diinagdee fi misoomaa irratti motora sochooftuu cimaa kan ta'e hawaasa daldaalaa fi seektaroota dhuunfaa waliin mari'achuun, Hojii misoomaa fi nageenya waaraa waraana boodaaf qophiilee dursan akkasumas iddoowwan waraanan barbadaa'an, keessattuu dhaabbilee fayyaa fi barnootaa deebisanii ijaaruuf, lammiilee buqqa'an dursinee qubsiisuuf koree qindeessituu hundeessineerra. "Dhiyaanni biyyaaf hanga duula tokkummaa fi sabdaneessummaa" aantummaa uummataa guddaa, jaalala biyyaaf qabu qabeenya biiliyoonatti lakka'amu kennuun, bu'aa isaa irraa osoo hin taane waan qaburraa osoo hin qusatiin kutee kan nuuf kenne hawaasni daldaalaa, waraana dirqamnee itti seenne keessatti injifannoo cululuqaa galmaa'eef shoorri inni gumaache guddaadha. Waltajjii marii keenya irratti boqonnaa lammaffaaf hojiilee misoomaa fi nageenya itti fufinsaa waraanaa boodaaf qophiilee dursan, iddoowwan waraanan barbadaa'an, keessattuu dhaabbilee buufata fayyaa fi manneen barnootaa, deebisanii ijaaruuf, lammiilee keenya buqqa'an dursinee deebisnee dhaabuuf akkasumas aadaa hojii keenya barame irraa bahuun diinagdeen keenya caalatti akka kaka'uuf halkaniif guyyaa hojjachuun akka danda'amuu fi caasaa Indastirii keessattuu oomishummaa ( Manufacturing ) irratti xiyyeeffannoo taasisuun giddugaltoota alaa hin barbaachifne qolachuu kan nu dandeessisu diinagdee cimaa ijaaruuf walta'insa olaanaa taasisuu irratti itti gaafatamummaa isaaniirraa eegamu kaka'umsa olaanaa fi onnee guutuun ba'uuf qophii ta'uu isaanii mirkaneessaniiru. Dabalataanis, bu'uura waamicha kabajamoo muummicha ministeeraa keenya yeroowwan ayyaanaa dhufanitti biyyoota alaa garagaraa irraa gara biyya haadha isaanitti kanneen dhufan lammiilee keenya gootota diyaaspooraa miiliyoona tokkoo ol kallattii tajaajilummaa isaan irratti hojjatan simannaa gootummaa guddaa, kabajaan, jaalala maatii fi aantummaan simachuu fi keessummeessuuf qophiilee barbaachisoo xumuruu isaanii ilaallee jirra. Magaalaa keenyatti akkuma kanaan duraa itti fufinsaan diinagdee keenya guddisuuf hawaasni daldaalaa, seektaroota dhuunfaa deeggaruuf qophii ta'uu isaa ni mirkaneessina. Itoophiyaan aarsaa fi ifaajjii ijoollee ishee haqaatiin bara baraan kabajamtee jiraatti! Waaqni uumaan Itoophiyaa fi uummata ishee haa eebbisu!

Share this Post